Mark 16:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Awaala seenani, gurba kaima toko, ka woya adi uyifate gama mirgaa tau argani, guddo mamani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma awwaala seenaniin nama ka'iimaa tokko, ka wayaa adii gad dheertuu uyyifatee gama mirgaa ta'uu arganii, guddoo maman.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa gara awwaalaa seenan ka'ima uffata adii uffatee, cinaa mirgaatiin taa'eeru arganii nayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara awwaalaa hennaa seenan ka'ima uffata adii uffatee, cinaa mirgaa tiin taa'eeru arganii nayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara awwaalaa'llee yeroo aseenanitti dargaggeessi uffata adii uffate, gara mirgaatiin taa'ee arguu isaaniitiin, ni nayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan boolla awwaalaa keessa yennaa seenane dargaggeessi tokko, woyaa adii uffatee gara middaatitti tee'eeruun dhagganee rifatane.