Mark 16:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Mariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanoota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni ganama guyya qara ka torbaani duisa keesaa kae. Jennaani qara Mariamu Magdalene, ta inni jinni torba keesaa baase iti mullate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus jalqaba torbanii, guyyaa sanbata guddaa ganama du'a keessaa kaa'ee jennaan, qaraa Maariyaamii Magdalaa, ta innii jinnii torba keessaa baaseetti mullate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus jalqaba torbaanii ganama barii hennaa du'aa ka'e dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hammeeyyii torba keessaa baaseetti mudhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus jalqaba torbaanii, [guyyaa Sambata gudda'aa] ganama barii hennaa du'aa ka'e, dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseetti mudhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
[Yesus torbaan keessaa guyya jalqabaa Dilbbata ganama obboroo eega du'aa ka'een duubatti, jalqaba ta jinniiwwan torbaa baaseef Magdalaawittii Maariyaaamtti ni muldhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Dilbata ganama du'aa ka'een duuba, dursee Maariyaamii qachaa Magdala'aa, ta inni ayyaanota hamoota torba keessaa baaseerutti mudhate.