Mark 2:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, “Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu” jedhaa Waaqa leellisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni kae, wosaasa ufi fud'ate, nama ch'ufa durati iti d'aabate. Tanaafi nami ch'ufti mame, Waaqa guddisani waan jed'ani, Nu waan akana kana taka ingarre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ka'ee, siree ufii fudhatee, nama cufa duratti itti dhaabate. Tanaaf namii cuftii mamee, “Nu waan akkanaa kana takka hingarre” jedhe Waaqaa guddise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduma isaan argan namichi ka'ee siree ufii baadhatee bayee deeme. Kanaafuu namoonni maruu maalalanii, «Waan akkanaa kana horoma arginee hin beennu» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduma isaan argan namichi ka'ee siree ufii baadhatee bayee deeme. Kanaafuu namoonni martinuu maalalanii, «Waan akkanaa kana horoma arginee hin beennu» jedhanii Rabbiin jajan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naafttichi'llee bakkumatti ka'eeti siree isaa baadhatee, namoota mara duranatti ni baye. Kanaaf namoonni marrinuu maalalffatanii, waan akkana jiru kana, gonkumaa arginee hin beekinnu, jedha'aa Waaqa ni galateeffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.