Mark 2:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, “Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?” jedhanee barattoota isaa gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari Seera beekhu ka Farisayo, isa nama daba qabuufi jara damoosa guuru woliini sagale nyaatu arginaani, waan jara isatiini jed'e, Inni maafi jara damoosa guurufi nama daba qabu woliini sagale nyaata? jed'ani gaafatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii seera beeku ka Fariisootaa, isaa warra cubbootaa fi jara qaraxa guuru waliin sagalee nyaatu arginaan, jara isaatiin, “Innii maaf jara qaraxa guuruu fi warra cubboota waliin sagalee nyaata?” jedhan gaafatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni hennaa inni worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaatu arganii barattoota isaatiin, «Inni maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata'aa dhuga?» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Fariisonni hennaa inni worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaatu arganii, barattoota isaatiin, «Inni maaf worra qaraxa guuruu fi cubbamtoota woliin nyaata'aa dhuga?» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara worra Fariisotaatii ka ta'an barsiisonni seeraa, Yesus worra qaraacotaatii fi cubbamootaa woliin yoo nyaatu arganii, «Worra qaraacotaatii fi cubbamootaa woliin ka nyaatuu fi ka dhugu, waayee maali'iitiif?» jechu'uun, barattoota isaa ni gaafatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, «Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?» jedhanee barattoota isaa gaafatane.