Mark 2:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus waan kana dhage'ee, “Namoottan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan kana d'ageennaani waan jed'eeni, Nami fayyaa qabu ch'ireesa imbarbaadu, ammo ka fayya inqamneti barbaadata. Anini nama d'uga yaamu ind'umne, ammo maro nama dabaatiifi d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus waan kaan dhageennaan, “Namii fayyaa qabu cirreessa hinbarbaadu, ka fayyaa hinqamneetti barbaada male. Anin nama qajeelaa yaamuu hindhumne, nama cubbichaaf dhufe male” Isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee fayyaaleyyi'iif ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. Ani cubbamtoota malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee waan isaan jedhan dhagayee, «Dhukkubsattootaaf malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi fayya'aa hin barbaachisu. Ani cubbamtoota malee, qajeellota waamu'uuf hin dhufne» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee kana dhagayee, «Dhukkubsattoota malee fayyaaleyyiin ogeessa fayya'aa isaan hin barbaachisu, ani'llee ka dhufeef ququllaayota uduu hin ta'in, cubbamoota gara dhiifamaa cubbu'uu titti waamu'uuf» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus waan kana dhage'ee, «Namoottaan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.