Mark 2:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo deebisee, “Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Keessumaani fuud'a dandeete agabdi? Hiyyo. Haga abbaani fuud'a worra woliini jiru dandaani ufi inagabsani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Keessumaan fuudhaa dandeettee agabdii? Hiyyo, haga abbaan fuudhaa warra waliin jiru dandaanii ufi hinagabsan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee deebisee, «Uduu idaayyichi isaan woliin uduu worri jaalaa soomuu hin danda'anii ree? Idaayyichi uduu isaan woliin jiru worri jaalaa soomuu hin danda'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee deebisee, «Idaayyichi isaan woliin uduu jiru worri jaalaa soomuu hin danda'aniiree? Idaayyichi uduu isaan woliin jiru jaaloonni soomuu hin danda'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, ka fuudhu uduu isin woliin jiru, jaalonni soomuun isaan irraa ni malaa ree? miti! ka fuudhu isaan woliin uduu jiru, soomuun isaan irra hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo deebisee, «Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu.