Mark 2:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Daawwit waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Isani waan Daudini duri gaafa isaafi jari isaa sagale d'abe beelae jennaani tolche insoomne?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus warraan, “Isan waan Daawit gaafa isaa fi jarii isaa sagalee dhabee beela'ee jennaan tolche hindubbimnee?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Hennaa Daawitii fi worri isa woliin jiran beelayanii rakkatan waan Daawiti godhe horoma argitanii hin dubbifnee? Hennaa Abiyaataar bulchaa gadootaa ta'ee ture, Daawiti gara mana Rabbii seenee xoroshoo Rabbiif woyyoomte ka seerri gadoota calla'aaf kennu ufii nyaatee worra isa woliin jiraniillee kenne» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Hennaa Daawitii fi worri isa woliin jiran beelayanii rakkatan, waan Daawiti godhe horoma argitanii hin dubbifnee? Hennaa Abiyaataar bulchaa gadootaa ta'ee ture, Daawiti gara mana Rabbii seenee, xoroshoo Rabbiif woyyoomte ka seerri gadoota calla'aaf kennu ufii nyaatee, worra isa woliin jiraniillee kenne» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Daawiit horddofittoota isaa woliin yeroo beelayee fi rakkatetti, maal akka raawwate isin hin dubbifinne moo?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Daawiti waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee?