Mark 3:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni ammalle mana Waaqa seennaani, nama toko ka harki kokotae achiti arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammallee Mana Waldeennaa seennaan, nama tokko ka harkii kokotta'e achiitti arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus hennaa biraa gara mana sagada Yihuudotaa seene; achi namicha harki isaa naafate tokkotu ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus hennaa biraa gara mana sagada Yihuudotaa seene; namichi harki isaa naafate tokko achi ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee deebi'ee gara bakka woligayii isaanii ni aseene, achi'llee nama harki isaa naafaa tokkotu jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus deebi'ee gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe; namichi harki isaa naafateeru tokko achi jiraayyu.