Mark 3:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro inni nama heddu fayyisefi nami d'ukuba qabu ch'ufti isa tuqu fed'e wold'id'ibe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo innii nama hedduu fayyiseef namii dhukkuba qabu cuftii isa tuquu fedhee waldhidhibe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoota heddu waan fayyiseef worri rakkoo qaban martinuu harkaan isa qabu'uuf gara isaa wol dhidhiiban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoota heddu waan fayyiseef, worri rakkoo qaban martinuu harkaan isa qabu'uuf gara isaa wol dhidhiiban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoota baayi'ee dhukkuba isaanii irraa, isaan fayyisee waan tureef, worri dhukkubaan makkaraaran marrinuu harka isaaniitiin isa tuqu'uuf barbaadanii, ni haccuucaniin ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni kolbaa hedduu waan fayyiseeruuf, worri dhukkuba gara garaa qabanu maraa isa harkaan qabatiisaaf gara isaa wol dadarbane.