Mark 3:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, “Ati Ilma Waaqaa ti” jedhanee iyyane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo jinniini isa argite ch'ufa, isa durati jidde iyite, Atini Ilma Waaqa jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jinniin yo isa argite cufa, isa duratti jiddee iyyitee, “Atin ilma Waaqaa” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaannan battiin hennaa isa argan maraa afoo isaatitti kufanii, «Ati Ilma Rabbiiti» jedha'aa iyyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanonni battiin hennaa isa argan maraa afoo isaatitti kufanii, «Ati Ilma Rabbiiti» jedha'aa iyyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hafuuronni battiiwwan'llee yeroo isa arganitti isa duranatti kufa'aa, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa, ni iyyan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanoti hamooti namoota keessa jiranu yennuma isa dhaggane maraa, fuula isaa duratti jiganee, «Ati Ilma Waaqaa ti» jedhanee iyyane.