Mark 3:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni worrati gale. Gumiini ammalle wolti baate, tanaafi Yesofi jari isaa sagalele nyaachu dad'abani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus gara manaa gale. Gumiin guddoon itti baatee isaa fi jarii isaalleen sagaleellee nayaachuu dadhabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa gara manaa hennaa dhufan, baniin hedduu waan wol gayaniiraniif Inninii fi darasoonni isaa hurbaata nyaachuu dadhaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa gara manaa hennaa dhufan, baniin hedduu waan wolitti qabamaniiraniif, Inninii fi darasoonni isaa hurbaata nyaachuu dadhaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti'llee Yesus gara manaa ni aseene. Yesusii fi barattoonni isaa nyaatuma'llee nyaachuu haga dadhabanitti, deebi'ee namoonni baayi'een wol ni gayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus gara manaa yennaa gale, haga innii fi barattooti isaa sagaleelle nyaachuu dadhabanutti gumiin ammalle wolitti qabante.