Mark 3:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa samu'uuf hin dande'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami injiru, ka mana nama jaba dandae ch'abse seene miha isa hatu, yo inni qara nama jaba suni hid'e male; yoosi mana suni dandae hata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo qaraa isa hidhe malee, namii mana nama jabaa tokko danda'ee cabsee seenee mi'a isaa saamu hinjiru. Yo sun callaa manii isaa saamamuu danda'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee duraan dursee nama jabaa uduu hin hiine mana nama jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu hin danda'u; Yoo hidheen maayii mana isaa san seenee saamuu danda'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee duraan dursee nama jabaa uduu hin hiine, mana nama jabaa sanii seenee mi'a isaa saamuu hin danda'u; Yoo hidheen maayii mana isaa san seenee saamuu danda'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Akkuma kana gara mana nama jabaa tokkoo aseenee, durssee nama jabaa san uduu hin hidhin, qabeenna isaa saamu'uuf ka danda'u hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Eennulle duraan dursee namicha jabaa yoo hidhe malee, mana nama jabaa tokkoo seenee meya isaa saamu'uuf hin dande'u; hidheen duuba ammoo mana isaa saamu'uuf hin dande'a.