Mark 3:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu barabaraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu” jedhee isaanitti mammaake.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo nami Lubbu Qulqullo arabsu araarama inargatu, haga hegeri daba qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
namii ammoo Hafuura Qulqulloo arrabsu cubbuu itti taati malee haga jiruu jireennaa araarama hinargatu” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nama Ayyaana Woyyuu arrabsu kamiifuu ammo, gatii cubbuu bara baraa itti ta'a malee sirima dhiifamsa hin argatu»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nama Ayyaana Woyyuu arrabsu kamiifuu ammoo, gatii cubbuu bara baraa itti ta'a malee, sirima dhiifamsa hin argatu»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa ka dubbatu marrinuu, liqaa bara baraa itti ta'a malee, gonkumaa cubbuu isaatiif dhiifamnni hin taasfamuuf.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eennulle Ayyaana Woyyichaan mormee dubbii arrabaa yoo dubbate ammoo, yakkaamessa cubbuu bara baraa te'a malee, ijjumaa araara hin dhaggatu» jedhee isaanitti mammaake.