Mark 3:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'ittiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, “Harka kee diriiffadhu!” jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriiffate, harkille deebi'ee fayye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni dalansuuni worra mimillate, aka garaani worra jabaate lalefannaani nama kaaniini, Harka diriirfad'u jed'e. Inni harka ufi diriirfannaani fayye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tana irratti innii aaree warra mimillatee, marroo jabeenna garaa warraatiif laaleffatee namicha kaanin, “Harka diriirfadhu” jedhe. Innii harka ufii diriirfannaan fayye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni gar jabeenna isaaniititti akka malee gaddee aari'iin gara galee isaan laalee namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichi harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee gar-jabeenna isaaniititti akka malee gaddee, aari'iin garagalee isaan laalee, namicha naafata'aan, «Harka kee diriirsi» jedheen. Namichillee harka ufii diriirse; harki isaallee hin fayye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee waayee haddooddii onnee isaaniif gaddee, naannoo isaa worra jiran laaleeti namichaan, «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirsetti, harki isaa ni fayyeef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus worra cinaa isaa marseeru ila aari'iitiin ilaale; ammoo mataa jabeenna isaaniitiifille gadde. Achiin duuba namichaan, «Harka keeti diriirfadhu!» jedhe. Yennaa namichi harka ifii diriirfate, harkille deebi'ee fayye.