Mark 3:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ka gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yerusalemutiifi ta Idumeatiifi ta Yordani gama sunitiifi ta dira Tirotiifi Sidonileeni wolti baate, waan inni tolche d'ageennaani isati d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ta Yerusaalem, ta Edoomiyaa, ta Yordaanos gamaa, ta dira Xiroostii fi Sidooniilleen walti baatee, isatti dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni hedduu waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaalemii, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yoordaanosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni hedduun waan guddaa Inni godhe dhagayanii biyya Yihuuda'aa, qachaa Yerusaaleemi, biyya Eeloomiyoosii, biyya laga Yordaanoosiin gamaatii fi naannoo qachoota Xiroosii fi Siidoonaa irraa gara isaa dhufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ni taasisa waan ture mara'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een isa ni horddofaniin, isaan'llee Galiila'aa, Yihuda'aa, Yerusaalemii, Edomiyaas, Yordaanosiin gama biyya jiruu'llee, akkuma kana magaalota Xiiroosii fi Sidoonaatti'llee ka dhufan ni jiran ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
qachaa Yerusaalemiitii, biyya Edoomiya'aatii, biyya Yordaanosiin gamaa ta gara aduun baatuutii, adaala qachoota Xiiroosiitii fi Sidooniitii, waan Yesuus hujaa ture mara dhageettee gara isaa dhutte.