Mark 4:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus cinaa Abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbateertiiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle d'aatu galaana Galilaya Yesoni nama barsiise. Maro gumiini guddooni isati d'ufteefi, inni hobolo toko ta galaana gubba teetu keesa seene tae. Gumiini ch'ufti afaani galaana teteete.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammallee dhaattuu galaana Galiilaatti nama barsiisuu jalaqabe. Mar. roo gumiin guddoon isatti dhufteef, innii hoboloo tokko ta galaana gubbaa teettu keessa seenee taa'e. Gumiin cuftii afaan galaanaa teteette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee yabala galaana Galiila'aa irra jirtu irra taa'ee barsiisuu jalqabe. Namoonni hedduu isa bira qarqara galaanaa turan. Baniin maruu qarqara galaanaa lafa irra turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammallee galaana Galiila'aa biratti barsiisuu jalqabe. Namoonni hedduu isa biratti waan wolitti qabamaniif inni yabala gubbaa bayee galaana irra ta'e. Baniin maruu qarqara galaanaa lafa irra turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus deebi'ee garba ciisaa biratti barsiisuu jala ni qabe. Namoonni haalaan baayi'ee'llee gara isaa dhufanii woligayuu isaaniitiin, inni hoboloo garba ciisaa irra jirttu irra bayee ni taa'e, ummanni marri'llee daangaa garba ciisaa ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus cinaa abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbatteertiiyyu.