Mark 4:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Dhossaan mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'e, Waan qara d'ossani ta Finna Waaqa ya isani kennani; ammo ka gari ka ala jiru mammaasa ch'alla d'agaya,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii deebisee, “Waan dhossaa ta Mootummaa Waaqaa qaraa ya isanii kennan; warrii ala jiru ammoo mammaassa callaa dhagaa,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkana isaaniin jedhe: «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isinii kennameera. Worra diida jiraniif ammo wonti maruu mammaakaan himama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni akkana isaaniin jedhe: «Dhossaa jeennata Rabbii beekuun isinii kennameera. Worra diida jiraniif ammoo wonti maruu mammaakaan himama. Sababaanillee, ‹Uduma laalan horoma akka hin argineef; uduma dhageeffatan horoma akka hin hubanneef, gara Rabbiillee deebi'anii, cubbuun isaaniillee akka isaanii hin dhiifamne› »
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee akkana isaaniin jedhe, «Waayee dhossaa Mootummaa Waaqaa beeku'uun isiniif kennamee jira, worra ala jiraniif maraaf garuu, wonitti marrinuu fakkeennaan isaanitti ni himama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Dhossaan mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama.