Mark 4:12 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni himamuufille, ‘Isaan ilaalanee ilaalaneelle, ijjumaa akka hin dhaggine; dhage'anee dhage'aneelle, ijjumaa akka hin hubanne; gara Waaqaa deebi'anee innille isaaniif akka hin araaranneefii’ ” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka, Ato jabeesani ilaalanile woma inagarre, ato jabeesani ch'aqasanile woma inhubanne; wonti akanatiifi, yo akasi tolchani, sila Waaqaati deebiani, Waaqi nama araarama.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
akka, ‘Adoo jabeesaanii ilaalaniillee homaa hinagarre, adoo jabeessaanii caqasaniillee homaa hinhubanne; maaliif, yo akkas tolchan, silaa Waaqatti deebi'anii, Waaqii namaa araarama’ ” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaan, ‹Uduma laalan horoma akka hin argineef; uduma dhageeffatan horoma akka hin hubanneef, gara Rabbii deebi'anii, cubbuun isaaniillee akka isaanii hin dhiifamne.› »
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee ka ta'u, ‹Isaan gara Waaqaa deebi'anii, cubbuun isaanii akka isaanii hin dhiifamnneef, laaluu uduma laalan garuu onne'etti hin qabatan, dhagayuu'llee uduma dhagayan, hin hubatan› » akkuma jedhame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni himamuufille, «‹Isaan ilaalanee ilaalaneelle, ijjumaa akka hin dhaggine; dhage'anee dhage'aneelle, ijjumaa akka hin hubanne; gara Waaqaa deebi'anee innille isaaniif akka hin araaranneefii› » isaaniin jedhe.