Mark 4:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexaanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aani gari dandi keesati jigani. Kunini nama d'agaye, akuma d'agayeeni Sheet'ani d'ufe, dubbi ta keesati fach'aasani iraa fud'atu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Midhaan garii daandii keessatti jigan, kunin nama dhagayee, akkuma dhagayeen Sheexanii dhufee dubbii garaa isaanii keessatti facaasan irraa fudhatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sanyiin karaa irratti harca'e mammaaka worra akkuma dubbii Rabbii dhagayaniin Seexanni dubbii dhagayan san isaan keessaa fudhatuuti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sanyiin karaa irratti harca'e, mammaaka worra akkuma dubbii Rabbii dhagayaniin Seexanni dubbii dhagayan san isaan keessaa fudhatuuti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubbiin Waaqaa yeroo facaafametti'llee sanyiin karaa biratti bu'e ka muldhisu, dubbii yeroo dhagayanitti bakkumatti sheexanni dhufee dubbii onnee isaanii titti facaafame, waayee namoota irraa fudhatamuuti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti.