Mark 4:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan yennaa ka'u yoosuma jigan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan hidda inqamneefi, bulti diqo ch'alla taani; duuba yo d'ipufi gaargali maro dubbi Waaqatiifi d'ufu, hojja suni yoosu jigani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ammoo akka lata mukaa ka hidda gad fagoo hinqamneeti, yo dhiphuu fi gaargalii marroo dubbii Waaqaatiif itti dhufu yoosu jigan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ammo hidda gad fagaatu waan hin qabneef hennaa diqqo'oof dhaabatan; maayii sababa dubbii Rabbiitiif rakkinninii fi miidhaan yoo dhufe yoosuu gufatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan ammoo hidda gad fagaatu waan hin qabneef, hennaa diqqo'oof dhaabatan; maayii sababa dubbii Rabbiitiif rakkinninii fi miidhaan yoo dhufe yoosuu gufatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni garuu yeromaaf malee onnee isaanii keessatti hidda hin fageeffanne, yeroo muraasaan duubatti sababa dubbii Waaqaatiin rakkinni yookiin ari'amuun isaan irra yoo gaye, bakkumatti gufatanii ni kufan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan yennaa ka'u yoosuma jigan.