Mark 4:36 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba worri kae gumi bira yae, ergattuuni hobolo qara Yesoni keesa jiru keesa duudde isa fuute kaate iti d'aabate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba warrii ka'ee gumii biraa yaa'ee, ergamtootii hoboloo qaraa Yesus keessa jiru keessa duuddee isa fuutee kaatee itti dhaabatte; hobolootii dhibiilleen isa waliin yaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoonni isaa banii achitti dhiisanii Yesuusiin akkuma durumaa yabala keessa taa'eeruun isa fuudhanii deeman. Yaballan biraallee isa woliin turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoonni isaa Banii achitti dhiisanii akkuma Yesuus durumaan yabala keessa taa'eeruun isa fuudhanii deeman. Yaballan biraallee isa woliin turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummata irraa'llee fooyamanii hoboloo inni yaabbatee tureen, Yesusiin qabanii ni deeman, hoboloowwan kuunniin'llee woliin ni jiran ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane.