Mark 4:39 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus dammaqee bubbee saniin, “Cadhisi!” jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, “Sarmi!” jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni kae, bubbe d'owe waan galaanaani jed'e, Ch'allisi! Bubbeeni ch'allimnaani lafti ch'aqali jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ka'ee, bubbee dhowwee, dha'aa bisaaniilleen “Callisi!” jedhe. Bubbeen callimnaan laftii caqalli jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni dammaqee bubbee san teedeffate; dambali'iinillee, «Cadhisi! Hin socho'in!» jedhe; bubbeenillee hin cadhise, hin sokossinelle'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee dammaqee bubbee san teedeffate; dambali'iinillee, «Cadhisi! Hin socho'in!» jedhe; bubbeenillee hin cadhise, hin sokossinelle'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee hirribaa ka'ee bubbe'etti ni baanate, garba ciisa'aan'llee, «Caldhisi!» ni jedheen, bubeen'llee ni dhiise, caldhisiinssi ol aanaan'llee ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e.