Mark 5:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi Yesoni gadi lakise; jinniini namicha keesaa yaate, booyye ke duudde, duuba booyyeeni ta haga kunki lama orite, galaana duudde, galaani liqimse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesusilleen gadlakkisee; jinniin namicha keessaa yaatee, booyyee keessa duuddee, booyyeen haga kuma lamaa geettu sun gaara irraa konkolataa gadjidee, galaana duuddee, galaanii liqimse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee, «Maarre» isaaniin jedhe. Ayyaannan battiin sunniin namicha keessaa bayanii gara booyyotaa galan. Gobbuun booyye'ee ka haga kuma lamaa gayan, afaan qile'ee irraa gara galaanaa gad gugatanii liqimfaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Maarre» isaaniin jedhe. Ayyaanonni battiin sunniinillee namicha keessaa bayanii gara booyyotaa galan. Gobbuun booyye'ee ka haga kuma lamaa gayan, afaan qilee irraa gara galaanaa gadi gugatanii liqimfaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee isaaniif ni eeyyame, hafuuronni hamaawwan'llee nama san keessaa bayanii, booyyeewwan keessa ni aseenan, gobbuu keessa ka turan booyyeewwan kuma lamaa gayan'llee, gatantara'aa bu'anii qilee irraa garba ciisaa jala ni taran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.