Mark 5:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te'e kana ilaalu'uuf dhufane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tissituuni baqatte, odu tana diraafi reerati odeesite. Jennaani biyyiti dawachu d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tissituun baqattee, oduu taan diraa fi reeraalleetti odeesite. Jennaan biyyitii daawachuu dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jarri tisse'eellee dheessanii, waan ta'e san qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan. Namoonnillee waan ta'e san laalu'uuf dhufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jarri tisse'eellee dheessanii, waan ta'e san qacha'aa fi baadiyyaa keessatti odeessan. Namoonnillee, waan ta'e san laalu'uuf dhufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tissitoonni booyyeewwanii dheessanii ni deeman, magaala'aa fi baadiyya'atti'llee oduu ni odeessan, namoonni'llee waan ta'e laalu'uuf mana isaanii maraa ni bayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te'e kana ilaalu'uuf dhufane.