Mark 5:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo didee, “Gara manaa keetii deebi'ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si'iif godhe, attam akka inni si'iif arjoome worra keetiif himi!” isaan jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni dide, waan jed'eeni, Beeni, worra ke gali, waan Aabbooni sii tolcheefi aka inni sii nahe worrati himi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo didee, “Beenii, warra kee galii, waan Aabboon sii tolchee fi akka innii sii nahee warratti himi” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo didee, «Gara mana keetii deebi'ii galii; waan guddaa attamii akka Gooftaan sii godhee fi attamitti akka inni sii araarame worra keetitti himi!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo didee, «Gara mana keetii deebi'ii galii, waan guddaa attamii akka Gooftaan sii godhee fi attamitti akka inni siif garaa nyaattaye worra keetitti himi!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu hin eeyyamnneef, garuu, «Gara mana keetii deemiitii Gooftaan waan ol aanaa attamii akka si raawwate fi waan ol aanaa taasise, attamitti'llee akka si fayyise, maatii kee titti odeessi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo didee, «Gara manaa keetii deebi'ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si'iif godhe, attam akka inni si'iif arjoome worra keetiif himi!» isaan jedhe.