Mark 5:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebi'ee hobolo'oon gara abbaaya'aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya'aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni galaana gama kaaniti taakinaani, gumiini guddooni ammalle isati baate, ato inni galaana bira jiru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus hoboloon galaana gama kaanitti taakkinaan, adoo innii dhaattuu galaanaa jiruu, gumiin guddoon ammallee isatti baate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus galaana gama yabalaan haga ceeyeen maayii namoonni hedduu wol gayanii gara isaa dhufan; Inni qarqara galaanaa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus galaana gama yabalaan haga ceeyeen maayii namoonni heddu wolgayanii gara isaa dhufan. Innillee qarqara galaanaa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus hobolo'oon gara garba ciisa'aan gamaa deebi'ee yeroo deemetti, namoonni baayi'een gara isaa wol ni gayan, yeroo sanitti inni garba ciisaa bira ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebi'ee hobolo'oon gara abbaaya'aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya'aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante.