Mark 5:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu'utti ifi irra garagalee, “Eentu woyaa tiyya tuqe?” jedhee gaafate
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro tokotu Yesoni aka humniti isa keesaa baate arginaani, gumi keesa garagale, Eentu woya tiyya qabate? jed'e gaafate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus marroo tokkottuu akka humnitii fayyichu isa keessaa baate arginaan, gumii keessa garagalee, “Eentu wayaa tiyya tuqe?” jedhe gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee yoosuu akka hunniti fayyumsaa isa irraa baye beekee, gumii jiddu'utti uf irra gara galee, «Uffata kiyya eentu tuqe?» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee yoosuu hunniti fayyumsaa isa irraa akka baye beekee, gumii jiddu'utti ufirra garagalee, «Uffata kiyya eentu tuqe?» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee bakkumatti huminni isa keessaa akka baye ni beeke, gara ummataa'llee garagalee, «Uffata kiyya ka tuqe eennu?» jechu'uun, ni gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu'utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate.