Mark 5:34 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isi'iin, “Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle'ee fayyi” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan isiini jed'e, Intala, d'ugefachaani tante la si fayyifte, nagayaani deemi, d'ukuba kanke fayyi jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii isiin, “Intala, dhugeeffachaan tee la si fayyiftee, nagaan deem, dhukkuba kee fayyii” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni, «Intala tiyya! amantiin kee si fayyiseera; nagayaan deemi; dhibee kee irraa fayyi» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Intala tiyya, amantaan kee si fayyiseera; nagayaan deem; dhibee kee irraallee fayyi» isi'iin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Yaa mucattii tiyya, amantiin kee si fayyisee jira, nagayaan deemi, makkaraarnna kee irraa'llee fayyi» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isi'iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle'ee fayyi» jedhe.