Mark 5:35 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii dhufanee, “Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?” isaan jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni dubbachu jiru, nami gari ka mana nama gudda suniti d'ufe waan jed'eeni, Intalti tante la doote; maafi moticha ammalle gaargalchita?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus dubbachuu jiruu, namii garii ka mana nama guddaa suniitii dhufee waan jedheen, “Intaltiii tee la dootee; maaf ammallee teettee mooticha gaargalchitta?” jedhaniin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee uduma dubbata'aaru namoonni tokko tokko mana Iyaayiroosii bulchaa Mana sagada Yihuudotaatii dhufanii, «Intalti tee duuteertii maaf barsiisaa dadhabsiifta?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee uduma dubbata'aaru namoonni tokko tokko mana Iyaayiroosii bulchaa Mana sagada Yihuudotaatii dhufanii, «Intalti tee duuteertii, maaf barsiisaa dadhabsiifta?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus uduma kana dubbachuu irra jiru mana itti gaafatamaa bakka wolgayii isaaniitii namoonni dhufan, itti gaafatamaa bakka woligayi'iitiin, «Mucattiin tee duutee jirtti, eegaa waayee maali'iitiif barsiisaa dadhabsiifttaan?» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufanee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?» isaan jedhane.