Mark 5:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro heddu harkafi miila isaa sibiilaani hid'ani, ammo sibiila ch'ufa gargari maaqe, ammalle sibiila miilaani hid'ani kute. Nami tokoleeni isa eegu dad'abe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo hedduu harkaa fi miila isaa sibiilaan hidhanii, ammoo sibiilaa cufa gargarii mamaaqee, ammallee sibiilaa miilaan hidhanillee kukkute. Namii tokkolleen isa eeguu dadhabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa hedduu haada sibiilaatii fi gaadii sibiilaatiin hidhama'aa ture. Haa ta'uu ammo haada sibiilaa uf irraa kukkuta'aa, gaadii sibiilaallee caccabsa'aa ture. Namni danda'ee isa gad qabu tokkolle hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa hedduu sansalaataa fi gaadii sibiilaatiin hidhama'aa ture. Haata'uu ammoo sansalaata ufirraa kukkuta'aa, gaadii sibiilaallee caccabsa'aa ture. Namni danda'ee isa gad qabu tokkolle hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo baayi'ee sibiila miilaatii fi birbiraataan ni hidhama ture, garuu birbiraata kukuta'aatii fi sibiila miilaa'llee cacabsa'aa ni gata ture, kanaaf isa qabee dhaabu'uuf ka danda'u eennu'llee hin turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukkutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne.