Mark 5:40 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri isa koble, ammo inni worra ch'ufa alati arie, jennaani abba intalatiifi haad'a isitiifi jara isa woliini jiru woliini fulla isiini ch'iiftu seene.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii isatti koblee, innii ammoo warra cufa alaatti gadyaasee, jennaan abbaa intalaa, haadha isiitii fi jara isa waliin jiru waliin fulaa isiin ciiftu seene.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan ammo itti kolfan. Achiin maayii inni isaan maraa manaa baasee abba'aa fi haadha mucatti'ii, darasoota isa woliin jiranillee qabatee gara gola reeffi mucatti'ii jiru san seene.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan ammoo itti kolfan. Achiin maayii inni isaan maraa manaa baasee, abba'aa fi haadha mucatti'ii, darasoota isa woliin jiranillee qabatee gara gola reeffi mucatti'ii jiru san seene.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni'llee baldu'uun itti ni kolffan, Yesus garuu isaan maraa manaa keessaa ni baase, haadhaa fi abbaa mucatti'ii worra isa woliin turan'llee ufi duukaa qabatee, gara kutaa mucattiin keessa turttee ni aseene.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene.