Mark 5:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni intalti kaate deemte. Ganni isii kud'ani lama. Worri duuba aka taka inargiini maadefate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hojjuma sun intaltii kaatee dedeemte. Gaafas gannii isii kudhanii lama. Warrii duuba akka takka hinargin maadeffate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mucattiin yoosuu kaatee dhaabattee deddeemte. Isiin nama woggaa kudha lamaati. Waan ta'e san guddisanii maalalfatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mucattiinnillee yoosuu kaatee dhaabattee deddeemte. Isiin nama woggaa kudha lamaati. Waan ta'e san guddisanii maalalfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isiin'llee mucattii woggaa kudha lamaa waan tureef, bakkumatti kaatee asii fi achi jechuu jala ni qabdde, kana'llee yeroo ta'etti namoonni haalaan ni maalaliffatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane.