Mark 6:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa Sanbataa, Mana Waaqeffannaa Yihudootaatitti barsiisuu jalqabe. Namooti hedduun achi jiranu, yennaa isa dhage'ane jajanee, “Wonna kana mara inni attam dande'ee huja? Baasota kana huju'uuf qarumma'aa fi hunna akkasii inni eessaa dhaggate?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani Sabato geennaani, inni Mana Waaqa iti kad'atani keesati nama barsiise. Nami isa d'agaye hedduuni mame waan jed'e, Namichi kuni eesaa waan kana argate? Qaroomi isaa kennani kunini maani? Wonti mama ta inni tolchu tuni maani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaan Sambataa geennaan, innii Mana Waldeennaa keessatti nama barsiise. Namii isa dhagayee hedduun mamee, “Namichii kun eessaa waan kana argate? Qaroomii isaa kennan kunin maan? Wantii mamaa ta innii tolchu tun maan?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni guyyaa Sambataatiin mana sagada Yihuudotaatitti barsiisuu jalqabe. Worri isa dhagayan heddu isaanii maalalfatanii, «Namni kun waan kanniin eessaa argate? Ogummaa attamiititu isaa kennameera? Baasa akkanaa kanniin attamitti huja?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa Sambata Diqqa'aa Inni Mana sagada Yihuudotaatitti barsiisuu jalqabe. Worri isa dhagayan heddu isaanii maalalfatanii, «Namni kun waan kanniin eessaa argate? Ogummaa attamiititu isaa kennameera? Baasa akkanaa kanniin attamitti huja?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa sanbbataatiin bakka woligayii isaanii titti barsiisuu jala ni qabe, namoonni baay'een'llee achitti argamanii ni dhageeffataniin turan, isaan'llee, «Naminni kun waan kana mara eessaa argate? ogummaa attamiititu isaaf kennamee jira? Wonittoota baasotaa kanniin hoo ka raawwatu attamitti?» jedha'aa, ni maalaliffatan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa Sanbataa, Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti barsiisuu jalqabe. Namooti hedduun achi jiranu, yennaa isa dhage'ane jajanee, «Wonna kana mara inni attam dande'ee huja? Baasota kana huju'uuf qarumma'aa fi hunna akkasii inni eessaa dhaggate?