Mark 6:20 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Heroodiyaas Yohaannisitti haloonfattee, isa ijjeesisiisaaf barbaadde. Yohaannis nama balcha'aa fi woyyuu akka te'e beekee, Heroodis isa sodaatee waan eessisaa tureef, isiin ammoo isa ijjeesiisu'uuf hin dandeenne. Heroodis yennaa dubbii Yohaannisii dhage'e gadhaa lama te'e. Te'ulle inni yennaa hedduu gammaadaan isa caqasaa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi Herodeni Yohana sodaate, maro aka inni nama d'ugatiifi qulqullo beekhufi, tanaafi nagayaani isa lakise. Inni ato hojja dubbi Yohana d'agayu ch'ufa guddo rifatele sila guddo isa ch'aqasu fed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf Herodis waan akka Yoh. aannis nama qajeelaa fi qulqulloo ta'e beekuuf isa sodaatee, eesise. Innii adoo hojjaa dubbii Yoh. aannis dhagayu cufa guddoo rifateellee, ammoo silaa isa caqasuu fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaan Heroodis Yohaannis nama qajeela'aa fi Woyyuu akka ta'e beekee sodaatee eessisa'aa ture. Heroodis hennaa dubbii Yohaannisii dhagaye akka malee yaaddaye. Ta'ullee gammachu'uun isa jalaa dhagaya'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sababaanillee Heroodis Yohaannis nama qajeela'aa fi Woyyuu akka ta'e beekee sodaatee eessisa'aa ture. Heroodiis hennaa dubbii Yohaannisii dhagaye akka malee yaaddaye. Ta'ullee gammachu'uun isa jalaa dhagaya'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Heerodis jalqaba Yohaannis qulqullaayomichaa fi Qulqulluu ta'uu isaa waan beekuuf, ni sodaataanii fi ni eegaanii'llee ture. Heerodis haasaya Yohaannisii adaduma dhagayuun ni raafama ture. Haa ta'u malee gammachu'uun ni dhageeffataan ture.