Mark 6:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Heroodis guyyaa jila qaabbii dhaloota ifiitiif jedhee qondaaltota gugurdoo biyya ifii, dura aantota worra woraanaatii fi Galiilaa keessatti worra beekkamaneef waamicha godhe irratti, Heroodiyaas karaa dhaggatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hojjaani dansaani Herodia mullatte. Gaafasi guyya qaabacha d'aloota Herodeti. Inni nama gugurdafi shumootafi jara jajaba ka Galilaya ch'ufa wolti yaame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Herodiyaas guyyaa qaabachaa dhaloota ufiitii jedhee, bulchoota lafaa gugurdoo, warra matooma loltuu waraanaatii fi warra jajjabaa Galiilaa keessatti beekkaman cufa walit yaamee, jilaa guddoo tolfatee, hujiin isaa dansaan mullatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Heroodis guyyaa qaabachuu dhalatuu ufii kabajju'uuf hoggantoota, ajajoota loltuu kumaatii fi bulchoota Galiila'aatii hennaa nyaata qopheesse, Herodiyaadaan karaa argatte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Heroodis guyyaa qaabachuu dhalatuu ufii kabajju'uuf, hoggantoota, ajajoota loltuu kumaatii fi bulchoota Galiila'aatii hennaa nyaata qopheesse, Herodiyaadaan karaa argatte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Heerodis guyyaa itti dhalate kabaju'uuf namoota aangoo qaban ka mootumma'aatiif, filatamittoota woraanaa, namoota Galiila'aa ka beekkaman jiraattotaaf afeerrii ol aanaa ni taasise, kun'llee Heerodiyaada'aaf carraa mishaa ni ta'eef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Heroodis guyyaa jila qaabbii dhaloota ifiitiif jedhee qondaaltota gugurdoo biyya ifii, dura aantota worra woraanaatii fi Galiilaa keessatti worra beekkamaneef waamicha godhe irratti, Heroodiyaas karaa dhaggatte.