Mark 6:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Intalti Heroodiyaasii ol seentee yennaa sirbite, Heroodisii fi keessummoota isaa gammachiitte. Heroodisille intalaan, “Waan barbaadde mara na gaafadhu; ani si'iif hin kennaa!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Intalti Herodia olseente, sirbite tabatte, Herodefi keessuma isaa guddo gammachiifte. Jennaani hayyuuni waan intalaani jed'e, Waan atini feetu ch'ufa himad'u, anini sii kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Intaltii Herodiyaas olseentee, sirbitee, Herodisii fi keessumaa isaa guddoo gammachiifte. Jennaan hayyuun intalaan, “Waanuma feete cufa gaafadhu, anin sii kennaa” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mucattiin Herodiyaada'aa hennaa ol seentee sirbite Heroodisii fi worra isa woliin taa'an maraa hin gammachiifte. Mootiinillee mucatti'iin, «Woma barbaadde maraa na kadhadhu sii kennaa» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mucattiin Herodiyaada'aa hennaa ol seentee sirbite, Heroodisii fi worra isa woliin taa'an maraa gammachiifte. Mootiinillee mucatti'iin, «Woma barbaadde maraa na kadhadhu sii kennaa» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf intaltti Heerodiyaada'aa gara galmma afeerri'ii aseenittee, sirba'aa Heerodisii fi afeeramttoota isa woliin jiran ni gammachiiftte. Nugusichi'llee intalatti'iin, «Waan barbaadu kamiinuu ana gaafadhu, siif kenna» isi'iin jedheen,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Intalti Heroodiyaasii ol seentee yennaa sirbite, Heroodisii fi keessummoota isaa gammachiitte. Heroodisille intalaan, «Waan barbaadde mara na gaafadhu; ani si'iif hin kennaa!» jedhe.