Mark 6:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle, “Wol qixxee mootummaa tiyyaalle, waan ati na gaafatte mara si'iif hin kenna” jedhee kakate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni isiti kakhate waan jed'e, Waan atini na kad'attu ch'ufa, ato moga lafa ani fidu toko taatele, anini sii kenna jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii isii kakatee, “Waan atin na gaafate cufa, adoo moggaa lafa anin fiduu tokko taateellee, anin sii kenna” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e woma feete maraa na kadhadhu sii kennaa» jedhee kakate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e woma feete maraa na kadhadhu sii kennaa» jedhee kakate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Wolakkama mootummaa kiyyaa'llee yoo ta'e, waan ana gaafattu maraa siif kenna!» jechu'uun, ni kakateef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle, «Wol qixxee mootummaa tiyyaalle, waan ati na gaafatte mara si'iif hin kenna» jedhee kakate.