Mark 6:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan kanaaf Heroodis akka malee gadde; ammoo keessumoota ifii duratti kakuu waan galeef jedhee, dubbii isi'ii diduu hin barbaanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni guddo lalefate, ammo maro kakhu ufitiifi ammalle maro keessumatiifi dubbi isii didu dad'abe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hayyuun guddoo laaleffatee, ammoo marroo kakuu ufitiif ammallee marroo keessumatiif dubbii isii diduu dadhabe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin guddisee gadde; haa ta'uu ammo sababa keessummoota afo'otti isi'ii kakateef waan isiin jette dhooggatuu hin feene.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mootiinillee guddisee gadde; haa ta'uu ammoo sababa keessummoota afo'otti isi'ii kakateef, waan isiin jette dhooggatuu hin feene.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nugusichi'llee waan kanaan haalaan ni gadde, haa ta'u malee afeeramittoota duranatti waayee kakuu raawwateetiif jecha, waan isiin gaafatte dhoogachu'uuf hin barbaanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan kanaaf Heroodis akka malee gadde; ammoo keessumoota ifii duratti kakuu waan galeef jedhee, dubbii isi'ii diduu hin barbaanne.