Mark 6:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantooti gara Yesuusii yennaa deebe'ane, waan hujanee fi waan barsiisane mara isatti himane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ergattuuni Yesoti dachaate, waan tolchiteefi waan barsiifte ch'ufa isati odeesite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtootii Yesusitti dachaatee, waan tolchitee fi waan barsiifte cufa isatti himte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ergamtoonni Yesuusiin biratti wol gayanii waan godhanii fi waan barsiisa'aa turan maraa himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ergamoonnillee Yesuusiin biratti wolgayanii waan godhanii fi waan barsiisa'aa turan maraa himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ergamittoonni bakka itti ergamanii deebi'anii dhufanii Yesusiin duratti wol ni gayan. Waan raawwatanii fi waan barsiisan mara itti ni himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantooti gara Yesuusii yennaa deebi'ane, waan hujanee fi waan barsiisane mara isatti himane.