Mark 6:31 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti hedduun kuun dhufaa kuun deemaa waan jiranuuf, Yesuusii fi barattooti isaa yennaa areeratanulle dhabane. Tanaaf inni isaaniin, “Ka'aa mee takkaa addee qoomi'ititti baaneen foorfattanii” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan worraani jed'e, Lafa mogati nu yaasa koba teteenne diqo boqonna. Wonti akanatiifi nama hedduti oli gadi yaa tanaafi sagale nyaachu dad'abani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii warraan, “Lafa moggaatti nu yaasaa kophaa teteennee diqqoo boqonnaa” jedhe. Wantii akkanaatiif nama hedduutti olii gad yaa'aa tanaaf sagalee nyaachuu dadhabne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni, «Hojjuma keessan gara lafa gammoojji'ii kootta'aatii diqqoo hara baafadhaa'a» jedheen. Isaanillee sababaa worri dhufanii fi worri deeman heddu ta'aniif nyaataafuu hennaa dhaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Hojjuma keessan gara lafa gammoojji'ii kootta'aatii diqqoo harabaafadhaa'a» jedheen. Isaanillee sababaa worri dhufanii fi worri deeman heddu ta'aniif nyaataafuu hennaa dhaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Isin adda keessan gara bakka udume'ee tokkoo deema'aatii yeroo muraasa boqadhaa!» isaaniin jedhe. Kana'llee sababaan jedheef gara isaanii ka dhufanii fi ka deemaan'llee namoota baayi'ee waan turaniif, nyaachisu'uuf, yeroo argachu'uuf waan dadhabaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti hedduun kuun dhufaa kuun deemaa waan jiranuuf, Yesuusii fi barattooti isaa yennaa areeratanulle dhabane. Tanaaf inni isaaniin, «Ka'aa me takkaa addee qoommi'iititti baaneen foorfattanii» jedhe.