Mark 6:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus qarqara bisaaniititti hoboloo keessaa yennaa baye, gumii guddoo ta akka hoolota tissee hin qannee fakkaattu dhaggee isi'ii gadde. Maarre inni waan hedduu isaan barsiisiisa jalqabe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni hobolo keesaa buunaani, gumi guddo arge naheefi, waan worri ree tissitu inqamne fakaatuufi. Inni waan heddu worra barsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus hoboloo keessaa buunaan, gumii guddoo re'ee tissituu hinqamne fakkaattu argee na'eef. Innii waan hedduu warra barsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee hennaa yabala irraa bu'e banii hedduu argee akka hoolota tissee hin qabnee waan jiraniif isaanii gaddee, waan hedduu isaan barsiisuu jalqabe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee hennaa yabala irraa bu'e banii hedduu argee, akka hoolota tissee hin qabnee waan jiraniif isaanii gaddee, waan hedduu isaan barsiisuu jalqabe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus hoboloo irraa yoo bu'utti namoota baayi'ee ni arge, akka hoolota tissee hin qabnnee ta'uu isaaniitiin'llee isaanii ni gadde, waan baayi'ee'llee isaan barsiisuu jala ni qabe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus qarqara bisaaniititti hoboloo keessaa yennaa baye, gumii guddoo ta akka hoolota tissee hin qannee fakkaattu dhaggee isi'ii gadde. Maarre inni waan hedduu isaan barsiisiisa jalqabe.