Mark 6:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara samayi'ii ol-gubba'aa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo'oo san caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, eebise, qit'a ch'ach'abse, jara isati kenne, aka biyya gololchani. Ammalle qurt'umi lamaanile biyya ch'ufaa qoode.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii qixxaa shanii fi qurxummii lamaan taan guuree, gara Waaqaa ollaalee, eebbisee, qixxaa cacabsee, akka biyyaan gololchan jara isatti kenne. Ammallee qurxummii lamaanillee biyya cufaa qoode.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus xoroshoo shanii fi qurxummii lamaan san fuudhee gara sami'ii ol laalee galata galchee, xoroshoo san caccabsee akka isaan namootaa qoodan darasoota ufiititti kenne. Qurxummii lamaanillee maruma isaaniitiif qoode.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee xoroshoo shanii fi qurxummii lamaan san fuudhee, gara sami'ii ol laalee galata galchee, xoroshoo san caccabsee akka isaan namootaa qoodan darasoota ufiititti kenne. Qurxummii lamaanillee maruma isaaniitiif qoode.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee buddeenna shanii fi qurxummii lamaan ol fuudhee, gara sami'ii ol jedhee laaleeti ni eebbise, buddeena'llee kukkutee namootaa akka qoodaniif barattoota isaa titti ni kenne. Akkuma kana qurxummii lamaan'llee maraafuu ni qoode.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara ol-gubba'aa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo'oo san caccassee, kolba'aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute.