Mark 6:48 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bubbeen gara isaanii waan bubbitteef, shaffisa'aan bisaan gurduummataa rakkataa akka turane dhagge. Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara isaanii dhufee, cinaa isaanii akka dabaruu te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka worri hobolo keesati maro d'awa bubbeetifi guddo gaargala qabu arge, baraaqa d'eera bisaani gubba deema d'ufe worraani bahe, ka diquma bira indabriini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka warrii hoboloo keessatti marroo dhawaa bubbeetiif guddoo gaargala qabu argee, barraaqa dheeraa bisaan gubbaa deemaa dhufee, ka diqumaa bira hindabrin warraan ba'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bubbeen gara isaanii bubbisa'aa waan tureef shaffisa'aan dhayata'aa akka rakkata'aaran argee, iyya lukkuu lammeesso'oo galaana irra deema'aa gara isaanii dhufee isaan bira akka waan lufuu ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bubbeenillee gara isaanii bubbisa'aa waan tureef, shaffisa'aan dhayata'aa akka rakkata'aaran argee, iyya lukkuu lammaffa'aa galaana irra deema'aa gara isaanii dhufee isaan bira akka waan lufuu ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni isaa sababaa bubbee gara durana isaaniitiin bubbisuutiin, bishaan dhayachu'uuf rakkatanii yoo sarddaman isaan ni arge, halkan keessaa'llee saa'aatii sagalii haga kudha lamaa yeroo jirutti, garba ciisaa irra tarkaanfata'aa gara isaanii ni dhufe, isaan bira dabrree'llee deemu'uuf ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bubbeen gara isaanii waan bubbitteef, shaffisa'aan bisaan gurduummataa rakkataa akka turane dhagge. Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeesso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara isaanii dhufee, cinaa isaanii akka dabaruu te'e.