Mark 6:50 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, “Jabaadha'a! Wonni Ana; hin sodaatina'a!” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi worri ch'ufti isa arginaani babakhakhe. Jennaani Yesoni worrati dubbate waan jed'e, Garaa jabaad'a, naa, insodaatiina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii cuftii isa arginaan babakake. Jennaan Yesus warratti dubbatee, “Naa garaa jabaadhaa hinsodaatinaa” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Martinuu hennaa isa argan hin bararraaqan. Inni yoosuu, «Jabaadhaa'a! na'aa, hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Martinuu isa arganii bararraaqan. Inni, «Jabaadhaa'a! na'aa, hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Marrinuu yeroo isa arganitti, ni nayan. Inni garuu bakkumatti, «Jabaadhaa!, Anaa bee hin sodaatinaa!» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha'a! Wonni Ana; hin sodaatina'a!» isaaniin jedhe.