Mark 6:55 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan adaala godina sanii duudii keessa fiiganee, addee inni achi jira jechuu dhage'ane maratti, worra dhibamane rare'een gara isaa fidane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa suni ch'ufa keesa oriani nama fayya inqamne itille ira kayani fulla isa iti d'agayani ch'ufati iti geesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Lafa sun cufa keessa ori'anii nama fayyaa hinqamne itillee irra kaa'anii fulaa isa itti dhagaan cufaatti itti geessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
biyya san maraa keessa asii fi achi fiiganii namoonni naannoo biyya sanii martinuu dhukkubsattoota wosaasa'aan baadhatanii, hulema Inni gaye jedhan maraa dhagaya'aa gara isaa fidan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
biyya san maraa keessa asii fi achi fiiganii namoonni naannoo biyya sanii martinuu dhukkubsattoota wosaasa'aan baadhatanii, hulema Inni gaye jedhan maraa dhagaya'aa gara isaa fidan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee naannoo biyya sanii keessa asii fi achi jedha'aa, gara bakka Yesus jiruu mara dhukubbisattootaa sire'een baatanii fiduu jala ni qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan adaala godina sanii duudii keessa fiiganee, addee inni achi jira jechuu dhage'ane maratti, worra dhibamane rare'een gara isaa fidane.