Mark 7:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus achii deemee gara biyya Xiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barabaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni achii deeme, lafa Tirofi Sidoni d'aqe. Mana seennaani, aka nami tokoleeni isa beekhu imfeene, ammo ind'okhanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii achii deemee, lafa ardaa Xiiroos dhaqee, mana tokko seene. Akka namii tokkolleen isa beeku hinfeennee, ammoo hindhokane.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus achii ka'ee gara biyya Xiroosiitii fi Siidoona'aa dhaqee gara mana tokkoo seene. Akka inni achi jiru eennullee akka beeku hin barbaanne; haa ta'uu ammo dhokachuu hin dandeenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus achii ka'ee gara biyya Xiroosiitii fi Siidoona'aa dhaqee gara mana tokkoo seene. Akka inni achi jiru eennullee akka beeku hin barbaanne; haa ta'uu ammoo dhokachuu hin dandeenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus achii ka'ee magaalaa Xiiroosii bira gara ganda jiru ni deeme, gara mana tokkoo'llee aseenee achi jiraachuu isaa eennu'llee akka hin beekinneef ni barbaade, haa ta'u malee dhokachu'uuf hin dandeenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus achii deemee gara biyya Xiiroosiitii fi Sidoonii dhaqee, mana tokko seene. Akka inni achi jiru eennulle akka beekuuf hin barbaanne; ammoo dhokatiisaaf hin dandeenne.