Mark 7:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi” isi'iin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan isiini jed'e, Maro jecha kanatifi beeni gali, jinniini yayu intala tante keesaa baate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii isiin, “Mar. roo waan dansaa jetteef beenii gal, jinniin yaayyuu intala tee keessaa baatee” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni isi'iin, «Dubbima kee kanaafuu jinniin mucattii tee keessaa bayeera; gara mana keetii gali» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee isi'iin, «Dubbima kee kanaafuu jinniin mucattii tee keessaa bayeera; gara mana keetii gali» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Yesus, «Haasaya kee kanaan jinniin mucattii tee keessaa bayee jira, eegaa gara mana keetii deemi!» ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Waan akkas dubbatteef, durriisi intala teeti keessaa bayeera; gara mana keetii deemi» isi'iin jedhe.