Mark 7:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te'ane maraayyuu, aadaa maangudoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi Farisayoofi Yahudiini ch'ufti, haga harka d'iqatuuti sagale inyaattu, aka aada jaarole ira baratani gula;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif akka aadaa jaarollee irraa baratee gula Fariisotaa fi Yihudiin cuftii, haga harka dhiqattuutti sagalee hin nyaattu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fariisonninii fi Yihuudonni maruu seera manguddootaa eegu'uuf harka ufii midhaassanii uduu hin dhiqatin hin nyaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fariisonninii fi Yihuudonni maruu seera manguddootaa eegu'uuf harka ufii midhaasanii uduu hin dhiqatin hin nyaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fariisotaa fi ka hafan aadaa jaarsotii worra Yihudotaa eegu'uun, harka isaanii seeraan yoo hin miicatin, hin nyaatan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Fariisaayotaa fi Yihudoota te'ane maraayyuu, aadaa maanguddoota isaanii waan ulfeessanuuf, harka ifii miidhassanee adoo hin dhiqatin hin nyaatanu.