Mark 7:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiroosiitii ka'ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila'aa dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni lafa Tiroti gale, lafa Sidoni keesa dabre, gara galaana Galilaya d'aqe, kara lafa Dira Kud'ani jed'aniini bahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus lafa Xiiroosii dhiisee deemee, karaa Sidoontiin, lafa Dira kudhan jedhan keessaa ba'ee, gara galaana Galiilaa dhaqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayii Yesuus qachaa Xiroosiitii bayee karaa Sidoona'aatiin lufee biyya qachoota kudhanii jedhamtu keessa bayee gara galaana Galiila'aa dhaqe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayii Yesuus qachaa Xiroosiitii bayee, karaa Sidoona'aatiin lufee, biyya qachoota kudhanii jedhamtu keessa bayee gara galaana Galiila'aa dhaqe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus naannoo Xiiroosii dhiisee ni deeme, karaa Sidooniitiin deemee magaalota kurnnan gara biyya jedhamuutiin, gara garba ciisaa Galiila'aa ni dhufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus biyya adaala qachaa Xiiroosiitii ka'ee, karaa Sidooniitiin dabaree, biyya qachoota kudhan jedhantu keessa bayee, gara abbaayaa Galiila'aa dhaqe.