Mark 7:36 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus waan kana nama tokkolle'etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni worra jabeese seere, Nama tokoleti inhimina worraani jed'e; ammo worri hagasi ira odeese.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Nama tokkolleetti hin himinaa” jedhee jabeessee warratti seeree, warrii ammoo aduma innii itti himuu haga innii hinhiminaa jedheellee irra haasa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus eennuttillee akka hin himne isaan seere. Isaan ammo guddisanii odeessan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus eennuttillee akka hin himne isaan seere. Isaan ammoo uduu inni isaan seeru, guddisanii odeessan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee waan kana eennutti'llee akka hin himnneef namoota ni ajaje, haa ta'u malee haguma akka hin dubbanneef isaan ajajeetiin, baayi'ee caalchisanii ni odeessan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus waan kana nama tokkolle'etti akka hin hinne isaan seere; isaan ammoo adoo inni isaan seeruu, ittuma caalchisanee odeessane.